Faawundeeshiniin Ali Birraa Yuunivarsiitii Haramaayaa Waliin tahuun Aanaa Gooroo Muxii, Mana Baruumsa sad. 2ffaa Muxiitti laaybrarii Dijitaala hundeessuun eeybise
Sirna Eeybaa kanarratti Waahila Dr. Kab. Artist Ali Birraa Kabajamoo Dr. Artist Mohammed Qophee, Miseensa mana marii bakka bu’oota ummataa aanaa gooroo muxii fi gorsaa prezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Kabajamoo Obbo Mohammedin Kebirhussen, bulchaa I/aanaa Bulchiinsa G/Bahaa, Kabajamoo Obbo Jaafar Yuusuf, Bulchaa Aanaa Gooroo Muxii fi Hoji Gaggeessaa Faawundeeshinii Ali Birra Obbo Asad Fahmi argamuun eeybifamee jira.


